Murtii Haarawaa Dhaddacha Ijibbaataa MMWF

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee lakk. 230493 ta’e irratti dhaddacha gaafa Onk. 2/2016 ooleen murtii kenneen abbaan qabeenyaa konkolaataa tokko konkolaataa isaa kana nama biraaf kan kireesse yoo ta’ee fi konkolaataan kun nama kireeffate harka osoo jiruu balaa kan gaggeessise yoo ta’e, miidhaa gaheef itti gaafatamummaa kan qabu abbaa konkolaataa osoo hin taane nama kireeffatee fayyadamaa ture sanaati jechuun murteessee jira. Murtichis SHH kwt 2082 fi 2083 akkasumas murtii dirqisiisaa kana dura dhaddachumti kun galmee lakk. 55228 (jildii 11ffaa) ta’e irratti kenne kan bu’uureffatee dha.

3 Comments

  1. Qabiyee lafa magaalaa tajaajila qonnaaf olaa ture (lafa baadiyaa irraa magaalati hin nakamne fi lafa lizii hin taane)
    seera fi danbii kamiin lafa bakka bu’insaa argachu danda’aa?

  2. kabajamo with great respect ,Labsii 1161/2013 raawachisu danbii naanno Oromiyaa yoo qanaatan naaf erga

  3. Kabajamoo nagaan isinif haa tahuuu.
    Dhimmi tokko qabaa gabaabsa na barreessa hadaraa
    Innis
    Addee X abbaa ishee gahee haadha ishee akka qooduf lakk. Galmee 19581 irraatti MM aanaatti himatee. MM tis bita fi mirga falmisisee booda qabiyyeen bakka lamatti akka qoodamuu murtii kenne. Addee X galmee rawwii 20704 bante yeroo raawachifachuu dhuftu qabiyyee koo kan abbaa isheetti dabaltee jennan hadaraa seeran jedhen rawwii danqen 358 galmee 19581 irraatti keessa bara 2009 keessa baasifadhee. Kana oliyyatan yaalte dadhabde jennan galmee rawwii irraatti ol,iyyata fudhate bara 2010 osoo murtii haadhoo hin qabaatin qabiyyichi harkaa abbaashee osoo hin jiraatin abbaa ishee irraatti raawachifate. Qabiyyeen kun hanga yoona harka jira. Abbaa mirga eenyu irraa caala qaba

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *