Ulaagaalee Waliigalteen Kennaa Qabeenya Hin Sochoone Irratti Taasifamu Guutuu Qabu

Waliigalteen kamuu fudhatamummaa goonfatee raawwachiifamuu kan danda’u ulaagaalee seerri gaafatu guutuun yoo raawwatamee dha.

Kutaa waliigaltee waliigalaa (kitaaba 4ffaa Seera Hariiroo Hawaasaa) keessatti ulaagaaleen waliigaltee tokko seera qabeessa taasisuu danda’u jedhaman tumamaniiru.

  • Fedhiin rakko-maleessa ta’e (kan dhiibbaa, sodaachisoo ykn gowwoomsa irraa bilisa ta’e) jiraachuu;
  • Namootni/qaamoleen waliigaltee waliif seenan dandeettii seeraa qabaachuu (umrii waggaa 18 guutuu, sammuun fayyaa qabaachuu, seeraan kan hin dhorkamne ta’uu fi kkf);
  • Kaayyoon waliigaltichaa seera qabeessa ta’uu fi
  • Waliigaltichi foormii (barreeffama ykn haala biraan) seerri gaafatu (yoo jiraate) guutee argamuu dha.

Waliigalteen qabeenya hin sochoone ilaalchisee taasifamu immoo barreeffamaan ta’uu akka qabuu fi qaama waliigaltee galmeessuuf aangoo qabu ykn Mana Murtii biratti galmaa’uu kan qabu ta’uu seerichaa keewwata 1723 jalatti tumamee jira.

Foormii waliigalteen ittiin raawwatamuu qabu ilaalchisee seerri haala kanaan tumaa addaa yommuu kaa’u, kunumti raawwatamuu akka qabuu fi yoo kan hin raawwatamne ta’e waliigaltichi wixinee ta’uu irraa kan hafe bu’aa kamuu hordofsiisuu akka hin dandeenye tumaa keewwata 1720 (1) irraa ni hubatama.

Tumaan SHH keewwata 1723 (barreeffamaan ta’uu fi qaama aangoo qabu biratti galmaa’uu) waliigaltee kennaa qabeenya hin sochoone (qabatama amma jiruun mana) ilaalchisee taasifamu irratti raawwatiinsa ni qabaa? dhimma jedhu itti aansinee ilaalla.

Haaluma kanaan waliigalteen kennaa qabeenya hin sochoone ilaalchisee taasifamu akkaataa dhaamoon ifaa (public will) tiin yoo hin taasifamne bu’aa kan hin qabne ta’uu SHH keewwata 2443 jalatti tumameera. Ulaagaaleen dhaamoo ifaa guutuu qabu immoo seera dhaalaa kutaa tumu keewwata 881 fi 882 jala teechifameera. Ulaagaaleen kunniinis:

  • Nama dhaamoo kennee mataa isaatiin ykn nama inni qajeelchuun barreeffamuu kan qabu ta’uu;
  • Bakka nama dhaamoo taasisee fi ragootni 4 jiranitti dubbifamuu kan qabu ta’uu;
  • Foormaaliitiin kun kan guutame ta’uu barreeffamicha keessatti ibsamuu;
  • Guyya dhaamoon itti taasifame jiraachuu;
  • Dhaamoo kennaa fi ragootni namni afur oggasuma mallatteessuu dha.
  • Ragoota keessaa tokko hojjataa qaama waliigaltee galmeessuuf aangoo qabuu fi hojii isaa raawwachaa jiru yoo ta’e dhaamoon/waliigalteen kennaa isa dabalatee bakka ragootni 2 jiranitti yoo gaggeeffame seera qabeessa akka ta’us tumaalee kanarraa ni hubatama.

Tumaalee SHH keewwata 2443, 881 fi 882 irraa akka hubatamutti waliigalteen kennaa qabeenya hin sochoone irratti taasifamu ulaagaalee olitti ibsaman guutee jennaan dirqama qaama aangoo qabu biratti galmaa’uu hin qabu. Dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaas galmee lakk. 39803 ta’e irratti hiikoo seeraa dirqisiisaa kenneen waliigaltee kennaa qabeenya hin sochoone irratti taasifamu ilaalchisee ulaagaan guutamuu qabu kan SHH keewwata 2443 fi 881/882 jalatti tumameedha, keewwatni 1723 raawwatiinsa hin qabu jedheera.

2 Comments

  1. Abbaa seeraa obbo gonfaa eessa baddanii nuuf deebitan? Baga nagaan nuuf dhuftan!

  2. Jabaadhaa baayyee namatti toltu!

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *