1. Ka’umsa
Waantota bu’uuraa jireenya dhala namaaf barbaachisan (basic human needs) keessaa manni tokkoo dha. Qabeenya namni kamuu bara jireenya isaa keessatti horachuu hawwu (aspire godhu) keessaa manni tartiiba duraa irratti akka argamu ni amanama. Akkaataa abbaa qabeenya manaa ittiin ta’uun danda’amu keessaa tokko waliigaltee bittaa fi gurgurtaa nama ykn qaama biroo waliin raawwatamuu dha. Maarree akkaataa kanaan mana gaafa horattan adeemsa keessa nama irraa bittan waliin akka walitti hin buune ykn rakkoon seeraa akka hin uumamne of eegannoowwan dursa fudhachuu qabdan isiniif eeru feene. Itti dhiyaadhaa!
2. Namni Manicha Irraa Bituuf Jettan Gurguruuf Mirga Qabaachuu Irraa Sirnaan Mirkaneeffachuu
Namni kamuu mirga ofiif hin qabne nama biraaf dabarsuu akka hin dandeenye qajeeltoo seera qabeenyaa ni tuma. Qajeeltoon kun Afaan Laatiniitiin “Nemo dat quod non habet”, Afaan Ingiliziitiin “no one can give what they do not have” jedhamee kan beekamuu dha. kanaaf, namni isin mana irraa bituuf jettan qabeenya sana irratti mirga guutuu isinitti dabarsee gurguruuf isa dandeessisu qabaachuu isaa sirnaan qulqulleeffachuun tarkaanfii isa jalqabaa ti. Namni kun ofii isaa osoo hin taane karaa bakka bu’aa isaatiin kan gurguru yoo ta’e immoo bakka bu’iinsichi seera qabeessa ta’uu fi gurguruuf kan isa aangessu ta’uu adda baafachuun barbaachisaa dha.
Kana malees, manni bittan akka hin gurguramne ykn nama birrootti akka darbarfamne kan kan daangessu dhorkaan Mana Murtii irratti kenname kan hin jirre ta’uu ykn idaan qaama biraa kan irraa hin barbaadamne ta’uu mirkaneeffachuun barbaachisaa dha. Isaan kana mirkaneeffachuu danda’uun tarkaanfiiwwan bittuun of eeggannoo taasisu qabu ta’uu (ማንኛውም ጠንቃቃ ገዥ እንዲያደርግ የሚጠበቅበት) dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa galmee lakk. 186626 (jildii 25ffaa), 196963 (jildii 27ffaa) fi kanneen biroo irratti murtiiwwan dirqisiisaa kenneen hubachiiseera. Dhimmoota kana sirnaan adda baafachuu dhabuun carraa waliigalteen mana bituuf raawwattan fudhatama isin jalaa dhabsiisuu bal’aa waan taasisuuf ykn falmii wal xaxaa Mana Murtiitti taasifamuuf isin saaxiluu waan danda’uuf of eeggannoon sakatta’uu isin feesisa.
3. Waliigaltee Bittaa fi Gurgurtaa Manichaa Qaama Aangoo Qabu Biratti Raawwachuu fi Waliigalticha Galmeessuu
Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa qabeenya hin sochoonee (manaa) barreeffamaan qaama aangoo qabu fuulduratti yoo hin raawwatamne fudhatama kan hin qabne ta’uu Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1723 jalatti ifatti tumameera. Dabalataan waliigaltichi qaama 3ffaa (nama mana isinitti gurgureen ala nama jiru kamuu jechuudha) dirqisiisummaa akka qabaatuuf waliigaltichi qaama aangoo qabu biratti galmaa’uu qaba.
Qaamni aangoo qabu kun eenytu? gaaffiin jedhu sammuutti hin dhufuun hin oolu. Qabatama amma itti hojjatamaa jiruun qaamolee lafa magaalaa bulchuuf aangeffaman kan akka waajjira lafaa ta’uu danda’a; ykn Ejensii Mirkaneessaa fi Galmeessa Ragaalee Federaalaas ta’uus mala.
Seerri ulaagaan guutamuu kan qabu ta’uu akka dirqisiisaatti tumus hawaasni keenya ammallee baratamaan “waliigaltee mandaraa” jedhamee kan beekamuun bittaa fi gurgurtaa manaa raawwachaa jira. Baratama kana hordofanii waliigaltee mandaraa jedhamu kanaan mana bituun adeemsa keessa rakkoo wal xaxaaf isin saaxiluu waan danda’uuf filannoo kanatti osoo dhimma bahuu baattanii gaarii ta’a. Keesumattuu namni isin mana irraa bittan adeemsa keessa yaada isaa yoo jijjiirratee ykn isin gaabbe jiraachuu waliigaltee kanaa isin haaluu danda’a. Kana malees namni ykn gareen biraa mana kana irraa mirgan qaba jedhu dhufuu danda’a. Gaafa sana waliigaltee mandaraatiin kan bittan ta’uu akka ragaatti dhiyeeffattanii falmitanis injifachuu dhiisuu dandeessu, sababni isaa waliigaltichi ulaagaa seerri gaafatu kan guutu miti waan ta’eef jechuu dha.
4. Hanga Danda’ametti Bakka Bu’ummaan Bituu Dhiisuu ykn Daftanii Maqaa Gara Keessanitti Naanneeffachuu
Dogogorri biraa hawaasni keenya bittaa manaatiin wal qabatee raawwatu dhimma bakka bu’ummaan bituun kan wal qabatuu dha. Kunis waliigaltee mandaraa erga taasisanii booda nama itti gurgure irraa bakka bu’ummaa guutuu yoo fudhatan bittaa manaa adeemsa seera qabeessaan akka goolabanitti fudhachuun achumatti dhaabuun ni mul’ata. Kun sababa adda addaatiin dogoggora; kanaaf hanga danda’ametti kallattiidhumaan nama irraa bittan waliin waajjira lafaa deemtanii waliigaltee raawwachuu qabdu; bakka bu’iinsa fudhachuun dirqama yoo ta’e immoo daftanii maqaa naanneessuu qabdu. Yoo kana hin taane kunis rakkoowwan adda addaaf isin saaxiluu danda’a.
5. Guduunfaa
Walumagaalatti mana bitachuun milkaa’ina guddaa ta’us gaafa bitattan of eeggannoowwan armaan olitti ibsaman taasisuunii fi ulaagaalee seerri gaafatu guutuun bitachuun immoo milkaa’ina fulla’iinsa qabu argamsiisa waan ta’eef xiyyeeffannoo keessa galchuu qabdu. Turtii Gaarii!!


Galatoomi ogeessaa seeraa beekamaa hayyicha ilma warra Bachoo.
Hojii Dhimma seeraa ilaalchisee Hubannoo uumuu akka kanaa Hawaasa ofiif bilisaan kennuun waan salphaa miti .Odeeffannoo Barbaachisoo akka kanaa nuuf qooduu keetiif guddaa galatoomi .🙏