Akka Seensaatti
Labsiiwwan bara 2015 keessa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin labsaman keessaa tokko labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa naannichaa labsii lakk. 248/2015 dha. Labsichi yaadamoota haaraa labsii duraanii (labsii lakk. 130/1990) keessatti hin hammatamne qabatee dhufuun gamatti kanneen hojiirra oolmaa keessatti rakkoo guddaa uumaa turan hanga ta’e tokko akka sirreeffaman taasiseera, akka hubannoo kiyyaatti
Hundaa ol labsichi mirga lafa isaa irraa buquufamuu dhabuu qotee/horsiisee bulaa Naannichaaf wabii ta’uu kan danda’an tumaalee heddu hammatee jira
Dhimmi kun akkaan murteessaa fi qotee bulaan Oromoo lafa isaa irratti hojjatee akka ofii fi maatii isaa jijjiiruu fi darbees dinagdee naannichaa utubu carraa gaarii kan uumuudha jedheen amana, hunduu hubatee qixa sirrii ta’een akka hojiirra oolu yoo taasise.
Tumaalee labsichaa irratti barreeffamoota hubannoo uumuu dandeessisan jala jalaa isinii dhiyeessuuf kanan yaalu ta’ee har’aaf qabxiilee lamaan armaan gadii labsicha keessaa natti tolan haa kaasu.
𝐈. 𝐋𝐚𝐟𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐝𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐲𝐤𝐧 𝐃𝐡𝐚𝐚𝐦𝐨𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐚𝐛𝐚𝐫𝐬𝐮𝐮 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞
Lafa baadiyyaa kennaan ykn dhaamoon dabarsuun wal qabatee rakkoon kana dura labsii lakk. 130/1999 fi dambii lakk. 151/2005 keessatti ture qixa sirrii ta’een sirreeffamee jira.
Kanaan wal qabatee rakkoon kana dura ture namni lafa baadiyyaa irratti mirga abbaa qabiyyummaa qabu mirga isaa kana kennaadhaan ykn dhaamoodhaan miseensa maatii isaaf dabarsuu akka danda’u; gama biraatiin miseensa maatii jechuun ijoollee abbaa qabiyyichaa irraa dhalatanii fi namoota biroo dhaabbiidhaan maxxananii jiraatan akka dabalatu seeronni hojiirra turan ni agarsiisu; kana malees dhaaltota gidduus kan jireenyi isaa laficha irratti bu’uureffatee fi kanneen jireenya of danda’e qaban jedhamee garaagarummaan uumamee ture. Tumaaleen seerota duraanii kun hojiirra oolmaa irratti rakkoo guddaa uumanii kan turan akka ta’e sirriitti beekama.
Labsii haaraa keessatti kun hundi hafee kennaan ykn dhaamoon taasifamuu kan danda’u namoota akkaataa Seera Hariiroo Hawaasummaatiin mirga dhaaluu qaban qofaaf akka ta’e tumamee jira. Seera hariiroo keesaatti kanneen qabeenya du’aa dhaaluu danda’an dhalattoota gara gadiitti lakkaa’aman (descendants) fi maatii gara oliitti lakkaa’aman (ascendents) akka ta’e beekamaa dha. Jecha biraatiin labsii haaraan osoo maatii gara gadiitti ykn gara oliitti lakkaa’aman hin ta’in, garuu immoo sababa adda addaatiin qotee bulaa waliin jiraatan mirga lafa isaa kennaadhan ykn dhaamoodhaan akka argatan hin goonfachiisu. Kun rakkoo labsii duraa keessatti rakkoo guddaa uumaa ture bu’uurarraa fureera.
𝐈𝐈. 𝐌𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐚 𝐋𝐚𝐟𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐝𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐌𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐭𝐢 𝐌𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐧 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞
Abbaan manaa fi haati manaa lafa lafa baadiyyaa irratti mirga akkamii qabaatu? Lafti gaa’ela dura dhuunfaan qaban kan akkuma qabeenya birootti ilaalama moo miti? Gaa’elli dhirsaa fi niitii murtii Mana Murtiitiin yommuu diigamu qabiyyeen lafa baadiyyaa akkamitti qoodamuu qaba? qabxiileen jedhan seerota duraa keessatti ifatti waan hin teechifamneef hojiirra oolchuu keessatti rakkoo guddaa ture.
Kanaan wal qabatees ejjannoowwan lama calaqqisaa turaniiru.
Ejjannoon inni tokko akkaataa imaammata lafaa biyyattiin hordoftuu fi tumaalee heera mootummaatiin mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa kan waloo mootummaa fi uummataa waan ta’eef mirgi qotee bulaan laficha irraa qabu mirga itti fayyadamaati; haati manaa fi abbaan manaa lafa baadiyyaatti waliin fayyadamaa turuun mirkanaa’e taanaan qabiyyee lafa baadiyyaas qooddachuu qabu; ilaalamuu kan qabu dheerinaa fi gabaabina yeroo waliin itti fayyadamaniiti; duriin isaa kan dhuunfaa isa tokko yoo ta’es yeroo dheeraa sababawaa ta’e waliin itti fayyadamnaan qixxeetti qooddachuu qabu kan jedhuu dha.
Ejjannoo 2ffaan laftis akkuma qabeenya abbaa manaa fi haadha manaa birootti ilaalamee bu’uura Seera Maatiitiin qoodamuu qaba kan jedhuu dha.
Labsiin haaraa ejjaannoowwan lamaan kana haala keessummeessuu dandeessisuun waan bocame fakkaata.
Haaluma kanaan akka qajeeltotti qabiyyeen abbaan manaa fi haati manaa gaa’ela hundeeffachuun duratti dhuunfaan qaban ykn erga gaa’ela hundeeffatanii booda kennaadhaan ykn dhaalaan dhuunfaatti argatan kanuma dhuunfaa isaanii ta’ee akka itti fufu (waliigaltee taasiaaniin kan waloo isaanii taasifachuus akka danda’an), qabiyyeen gaa’ela keessatti mootummaa irraa dhuunfaan ykn waloon argatan kan waloo isaaniia akka ta’u tumameera.
Haala addaatiin immoo abbaan manaa fi haati manaa qabiyyee gaa’ela dura ykn gaa’ela keessatti dhuunfaan argatan waggoota 10 fi isaa oliif waliin misoomsuunii fi haala itti fufiinsa qabuun kan itti fayyadaman yoo ta’e, yeroo kana keessatti jiruu fi jireenya isaanii galii lafa kanarraa argamuun gaggeeffachaa kan turan yoo ta’ee fi mirga dubartii fi daa’immanii seeraarraa maddu kan hin sarbine ykn hin hambsine yoo ta’e qabiyee waloo isaanii akka ta’u tumamee jira.


Hello there!
waliin Wal Jijjiru Lafaa Baddiyaa
In Jira ?