Qabdii (Earnest) fi Bu’aa Seeraa Hordofsiisu

Bittaa qabeenyaa kan akka manaa fi konkolaataa faa yeroo raawwattan maallaqa qabdii jedhamu kanfaltii beektuu? Qabdii kanfaluun keessan seera fuulduratti bu’aa akkamii akka hordofsiisu hoo quba qabduu? Barreeffama gabaabduu kana keessatti dhimma kana irratti yaada hubannoo kennuu danda’u isiniif qopheesseera, itti dhiyaadhaa!

Qabdiin Maal?

Seerri hariiroo hawaasaa Itoophiyaa bara 1952 bahe waa’ee maalummaa qabdii waanti tume jiraachuu baatus bu’aa (effect) isaa ilaalchisee keewwata 1883 jalatti qabdii kennuun waliigalteen raawwatamuu isaaf ragaadha (proof of the making of the contract) jechuun ibsee jira. Kana jechuunis waliigalteen raawwatamuu isaa irratti amantaa guutuun yoo uumame gareen tokko garee biraatiif qabdii kanfala ykn kenna akka jechuuti. Qabdiin kenname taanaan gareewwan lamaan (isa kennee fi isa fudhate) irratti dirqama seeraa hordofsiisu qaba. Qabxii murteessaanis waa’ee maalummaa qabdii osoo hin taane bu’aa seeraa inni hordofsiisu waan ta’eef itti aansinee isa ilaalla.

Bu’aa Seeraa/Legal Effect/ Qabdii Kennuun Hordofsiisu

Akkuma armaan olitti ibsame qabdii kennuun gareewwan lamaan irratti bu’aa/dirqama seeraa hordofsiisu ni qabaata. Keesumattuu waliigalteen seename sun akkaataa yaadameen hojiirra ooluu yoo hafe ykn diigame waliigalticha garee kamtu diige dhimma jedhu hordofee bu’aa hordofsiisu kan qabu ta’uu seera hariiroo hawaasaa keewwata 1885 irraa ni hubatama. Akkaataa kanaan isin nama qabeenya tokko nama biraa irraa bituuf erga waliigaltee raawwattanii fi qabdii kennitanii booda waliigalticha kan diigdan yoo ta’e maallaqa qabdii jettanii kennitan sana naaf deebisi jettanii gaafachuu seerichi isin dhorka. Gama biraatiin isin nama qabeenya gurguruuf erga waliigaltanii fi qabdii fudhattanii booda waliigalticha yoo diigdan maallaqa fudhattan sana dacha isaa nama irraa fudhattaniif deebisuu akka qabdan seerri isin dirqisiisa jechuudha. Fakkeenyaaf mana wayii qarshii 5,000,000’n nama biraatti gurguruuf waliigaltanii qabdii qarshii 200,000 erga fudhattanii booda yaada gurgurtaa keessan geeddaruun waliigaltee seentan yoo giidgan ykn waadaa cabsitan qarshii 400,000 nama irraa fudhattan sanaaf deebisuu qabdu jechuudha. 

Gama biraatiin waliigalteen seename akkaataa waliigalameen kan raawwatame yoo ta’e immoo gareen qabdii fudhate maallaqa fudhate sana garee biraatiif deebisuuf ykn maallaqa waliigalaa itti qabeenyicha gurgure irraa hir’isuuf akka dirqamu seericha keewwata 1884 jalatti tumamee jira.

Garaagarummaa Qabdii fi Kanfaltii Duraa (Earnest vs Down Payment)

Lamaan isaanituu maallaqa dursee namni qabeenya bite nama gurgureef kennu ta’anis bu’aa hordofsiisan irratti garaagarummaa ni qabu. Garaagarummaan isaanii inni guddaan namni qabdii fudhatee waliigaltee seenee ture diige maallaqa fudhate sana dacha lamaan baay’isee deebisuuf kan dirqamu yoo ta’u namni kanfaltii duraa fudhatee waliigalticha diige garuu hanguma maallaqa fudhatee deebisuuf kan dirqamuudha. Kana kan murteessu ammo waliigaltee gareewwan lamaan waliif mallatteessan keessatti qabdii ykn kanfaltii duraa jedhamee ibsamuu dha. 

Guduunfaa

Kanaaf waliigaltee bittaa fi gurgurtaa raawwattaniin wal qabatee qabdiin ykn kanfaltiin duraa isin raawwattan bu’aa seeraa hordofsiisu kan qabu ta’uu beektanii itti galuu qabdu. 

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *