Yaad-rimee Gumaa fi Waa’ee Dhaabbata Abukaatummaa Gumaa

𝗤𝗮𝗯𝘅𝗶𝗶𝗹𝗲𝗲 𝗠𝘂𝗿𝗮𝗮𝘀𝗮 𝗛𝘂𝗯𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼𝗳

Aadaa fi duudhaa uummata biyya keenyaa, keesumattuu kan uummata Oromoo keessatti, Gumaan yaada rimee dhugaa, haqaa fi nagaa bakka bu’uudha. Mala wal dhabdeen cimaa ta’e karaa nagaatiin ittiin hiikamuu fi wal dhabdootaa fi hawaasa keessatti nageenyi ittiin buufamuudha. Adeemsa wal dhabdeen karaa seeraan fudhatama qabuu fi nagaa ta’een haqaa fi dhugaa irratti hundaa’ee itti hiikamu kan bakka bu’uudha.

Dhaabbanni Abukaatummaa Gumaas yaadama bu’uuraa kana irratti hundaa’uun ogeessota seeraa ciccimoo muuxannoo hojii abbaa seerummaa fi kan gaggeessummaa gabbate qabaniin kan hundaa’eedha. Rakkoo fi gaaffii seeraa maamiltootni isaa qaban hundaaf fala kalaqaan deeggarame gahuumsaan kennuuf kan bu’uureffameedha. Gareen abukaatoota dhaabbatichaa haqaa fi ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf of kennanii hojjachaa kan turan ta’uurra darbee damee seerotaa adda addaa irratti beekumsa garagaraa (diversified expertise) kan qaban fi qooqa adda addaatiin hojjachuu kan danda’anii (multi lingual) dha. Kun immoo hubannoo gadi fagoo sirna haqaa/seeraa biyyattii irratti qabnuun dabaalamee maamiltootaaf (namoota dhuunfaa fi dhaabbilee adda addaa) tajaajila seeraa gahuumsa qabu kennuuf nu dandeessisa.

Dameewwan seeraa gurguddoon irratti hojjannus falmii yakkaa fi hariiroo hawaasaa akka waliigalaatti, seera daldaalaa, seera investimentii fi bulchiinsa lafaa, seera taaksii fi gibiraa, seera ijaarsaa, seera maatii, seera dhaalaa, seera mirgoota qabeenyaa fi kkf dha.

𝗚𝘂𝗺𝗮𝗮! 𝗚𝗮𝗮𝗳𝗳𝗶𝗹𝗲𝗲 𝗳𝗶 𝗿𝗮𝗸𝗸𝗼𝗼𝘄𝘄𝗮𝗻 𝘀𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗱𝗮𝗻 𝗵𝘂𝗯𝗱𝗮𝗮𝗳 𝗳𝗮𝗹𝗮!

1 Comment

  1. Really bro I am proud of you continue this is your starting journey and I know ur future is bright. Congratulations 👏

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *