{"id":1876,"date":"2025-08-17T10:43:43","date_gmt":"2025-08-17T10:43:43","guid":{"rendered":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/?p=1876"},"modified":"2025-08-18T04:00:56","modified_gmt":"2025-08-18T04:00:56","slug":"bittaa-manaa-gaafa-raawwattan-of-eeggannoowwan-taasisuu-qabdan-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/2025\/08\/17\/bittaa-manaa-gaafa-raawwattan-of-eeggannoowwan-taasisuu-qabdan-2\/","title":{"rendered":"Bittaa Manaa Gaafa Raawwattan Of-eeggannoowwan Taasisuu Qabdan"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-vivid-cyan-blue-color has-text-color has-link-color wp-elements-abc0fcb211bf5d5c0b576c5f493df499\"><strong>1. Ka&#8217;umsa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Waantota bu\u2019uuraa jireenya dhala namaaf barbaachisan (basic human needs) keessaa manni tokkoo dha. Qabeenya namni kamuu bara jireenya isaa keessatti horachuu hawwu (aspire godhu) keessaa manni tartiiba duraa irratti akka argamu ni amanama. Akkaataa abbaa qabeenya manaa ittiin ta\u2019uun danda\u2019amu keessaa tokko waliigaltee bittaa fi gurgurtaa nama ykn qaama biroo waliin raawwatamuu dha. Maarree akkaataa kanaan mana gaafa horattan adeemsa keessa nama irraa bittan waliin akka walitti hin buune ykn rakkoon seeraa akka hin uumamne of eegannoowwan dursa fudhachuu qabdan isiniif eeru feene. Itti dhiyaadhaa!<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-vivid-cyan-blue-color has-text-color has-link-color wp-elements-3a479c2a96dc53069fe875079bbecaea\"><strong>2. Namni Manicha Irraa Bituuf Jettan Gurguruuf Mirga Qabaachuu Irraa Sirnaan Mirkaneeffachuu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Namni kamuu mirga ofiif hin qabne nama biraaf dabarsuu akka hin dandeenye qajeeltoo seera qabeenyaa ni tuma. Qajeeltoon kun Afaan Laatiniitiin \u201cNemo dat quod non habet\u201d, Afaan Ingiliziitiin \u201cno one can give what they do not have\u201d jedhamee kan beekamuu dha. kanaaf, namni isin mana irraa bituuf jettan qabeenya sana irratti mirga guutuu isinitti dabarsee gurguruuf isa dandeessisu qabaachuu isaa sirnaan qulqulleeffachuun tarkaanfii isa jalqabaa ti. Namni kun ofii isaa osoo hin taane karaa bakka bu\u2019aa isaatiin kan gurguru yoo ta\u2019e immoo bakka bu\u2019iinsichi seera qabeessa ta\u2019uu fi gurguruuf kan isa aangessu ta\u2019uu adda baafachuun barbaachisaa dha.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Kana malees, manni bittan akka hin gurguramne ykn nama birrootti akka darbarfamne kan kan daangessu dhorkaan Mana Murtii irratti kenname kan hin jirre ta\u2019uu ykn idaan qaama biraa kan irraa hin barbaadamne ta\u2019uu mirkaneeffachuun barbaachisaa dha. Isaan kana mirkaneeffachuu danda\u2019uun tarkaanfiiwwan bittuun of eeggannoo taasisu qabu ta\u2019uu (\u121b\u1295\u129b\u12cd\u121d&nbsp;\u1320\u1295\u1243\u1243&nbsp;\u1308\u12e5&nbsp;\u12a5\u1295\u12f2\u12eb\u12f0\u122d\u130d&nbsp;\u12e8\u121a\u1320\u1260\u1245\u1260\u1275) dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa galmee lakk.&nbsp;186626&nbsp;(jildii 25ffaa),&nbsp;196963 (jildii 27ffaa) fi kanneen biroo irratti murtiiwwan dirqisiisaa kenneen hubachiiseera. Dhimmoota kana sirnaan adda baafachuu dhabuun carraa waliigalteen mana bituuf raawwattan fudhatama isin jalaa dhabsiisuu bal\u2019aa waan taasisuuf ykn falmii wal xaxaa Mana Murtiitti taasifamuuf isin saaxiluu waan danda\u2019uuf of eeggannoon sakatta\u2019uu isin feesisa.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-vivid-cyan-blue-color has-text-color has-link-color wp-elements-66cf10cfba3cb43c42e28047839a2747\"><strong>3. Waliigaltee Bittaa fi Gurgurtaa Manichaa Qaama Aangoo Qabu Biratti Raawwachuu fi Waliigalticha Galmeessuu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa qabeenya hin sochoonee (manaa) barreeffamaan qaama aangoo qabu fuulduratti yoo hin raawwatamne fudhatama kan hin qabne ta\u2019uu Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1723 jalatti ifatti tumameera. Dabalataan waliigaltichi qaama 3ffaa (nama mana isinitti gurgureen ala nama jiru kamuu jechuudha) dirqisiisummaa akka qabaatuuf waliigaltichi qaama aangoo qabu biratti galmaa\u2019uu qaba.<\/p>\n\n\n\n<p>Qaamni aangoo qabu kun eenytu? gaaffiin jedhu sammuutti hin dhufuun hin oolu. Qabatama amma itti hojjatamaa jiruun qaamolee lafa magaalaa bulchuuf aangeffaman kan akka waajjira lafaa ta\u2019uu danda\u2019a; ykn Ejensii Mirkaneessaa fi Galmeessa Ragaalee Federaalaas ta\u2019uus mala.<\/p>\n\n\n\n<p>Seerri ulaagaan guutamuu kan qabu ta\u2019uu akka dirqisiisaatti tumus hawaasni keenya ammallee baratamaan \u201cwaliigaltee mandaraa\u201d jedhamee kan beekamuun bittaa fi gurgurtaa manaa raawwachaa jira. Baratama kana hordofanii waliigaltee mandaraa jedhamu kanaan mana bituun adeemsa keessa rakkoo wal xaxaaf isin saaxiluu waan danda\u2019uuf filannoo kanatti osoo dhimma bahuu baattanii gaarii ta\u2019a. Keesumattuu namni isin mana irraa bittan adeemsa keessa yaada isaa yoo jijjiirratee ykn isin gaabbe jiraachuu waliigaltee kanaa isin haaluu danda\u2019a. Kana malees namni ykn gareen biraa mana kana irraa mirgan qaba jedhu dhufuu danda\u2019a. Gaafa sana waliigaltee mandaraatiin kan bittan ta\u2019uu akka ragaatti dhiyeeffattanii falmitanis injifachuu dhiisuu dandeessu, sababni isaa waliigaltichi ulaagaa seerri gaafatu kan guutu miti waan ta\u2019eef jechuu dha.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p><mark style=\"background-color:rgba(0, 0, 0, 0)\" class=\"has-inline-color has-vivid-cyan-blue-color\"><strong>4. Hanga Danda\u2019ametti Bakka Bu\u2019ummaan Bituu Dhiisuu ykn Daftanii Maqaa Gara Keessanitti Naanneeffachuu\u00a0<\/strong><\/mark><\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-medium-font-size\">Dogogorri biraa hawaasni keenya bittaa manaatiin wal qabatee raawwatu dhimma bakka bu\u2019ummaan bituun kan wal qabatuu dha. Kunis waliigaltee mandaraa erga taasisanii booda nama itti gurgure irraa bakka bu\u2019ummaa guutuu yoo fudhatan bittaa manaa adeemsa seera qabeessaan akka goolabanitti fudhachuun achumatti dhaabuun ni mul\u2019ata. Kun sababa adda addaatiin dogoggora; kanaaf hanga danda\u2019ametti kallattiidhumaan nama irraa bittan waliin waajjira lafaa deemtanii waliigaltee raawwachuu qabdu; bakka bu\u2019iinsa fudhachuun dirqama yoo ta\u2019e immoo daftanii maqaa naanneessuu qabdu. Yoo kana hin taane kunis rakkoowwan adda addaaf isin saaxiluu danda\u2019a.\u00a0<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-medium-font-size\"><p class=\"MsoNormal\" style=\"margin: 0cm 0cm 10pt; line-height: 22px; font-size: 11pt; font-family: Arial, sans-serif; white-space: normal; text-align: justify;\"><\/p><\/p>\n\n\n\n<p><strong><mark style=\"background-color:rgba(0, 0, 0, 0)\" class=\"has-inline-color has-vivid-cyan-blue-color\">5. Guduunfaa<\/mark><mark style=\"background-color:rgba(0, 0, 0, 0);color:#258cc8\" class=\"has-inline-color\"> <\/mark><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Walumagaalatti mana bitachuun milkaa\u2019ina guddaa ta\u2019us gaafa bitattan of eeggannoowwan armaan olitti ibsaman taasisuunii fi ulaagaalee seerri gaafatu guutuun bitachuun immoo milkaa\u2019ina fulla\u2019iinsa qabu argamsiisa waan ta\u2019eef xiyyeeffannoo keessa galchuu qabdu. Turtii Gaarii!!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Ka\u2019umsa Waantota bu\u2019uuraa jireenya dhala namaaf barbaachisan (basic human needs) keessaa manni tokkoo dha.<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":1866,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[32],"tags":[],"class_list":["post-1876","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-gonfaa-atoomaatiin"],"aioseo_notices":[],"magazineBlocksPostFeaturedMedia":{"thumbnail":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg","medium":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg","medium_large":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg","large":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg","post-slider-thumb-size":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg","post-category-slider-size":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg","1536x1536":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg","2048x2048":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg","blossom-coach-slider":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg","blossom-coach-fullwidth":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg","blossom-coach-with-sidebar":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg","blossom-coach-latest":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg"},"magazineBlocksPostAuthor":{"name":"admin","avatar":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/ecb5481e10cca9a7669c7ce29e372e90336cc49c5e85b5d55d62330169d65afe?s=96&d=mm&r=g"},"magazineBlocksPostCommentsNumber":"2","magazineBlocksPostExcerpt":"Ka\u2019umsa Waantota bu\u2019uuraa jireenya dhala namaaf barbaachisan (basic human needs) keessaa manni tokkoo dha.\n","magazineBlocksPostCategories":["Gonfaa Atoomaatiin"],"magazineBlocksPostViewCount":3840,"magazineBlocksPostReadTime":4,"magazine_blocks_featured_image_url":{"full":["https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg",4464,2512,false],"medium":["https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg",300,169,false],"thumbnail":["https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2025\/08\/078A9020.jpg",150,84,false]},"magazine_blocks_author":{"display_name":"admin","author_link":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/author\/admin\/"},"magazine_blocks_comment":7,"magazine_blocks_author_image":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/ecb5481e10cca9a7669c7ce29e372e90336cc49c5e85b5d55d62330169d65afe?s=96&d=mm&r=g","magazine_blocks_category":"<a href=\"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/category\/gonfaa-atoomaatiin\/\" rel=\"category tag\">Gonfaa Atoomaatiin<\/a>","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1876","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1876"}],"version-history":[{"count":4,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1876\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":1881,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1876\/revisions\/1881"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/1866"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1876"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1876"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1876"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}