{"id":1785,"date":"2024-04-03T02:30:33","date_gmt":"2024-04-03T02:30:33","guid":{"rendered":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/?p=1785"},"modified":"2024-11-23T08:06:22","modified_gmt":"2024-11-23T08:06:22","slug":"labsii-toannoo-fi-bulchiinsa-kiraa-mana-jireenyaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/2024\/04\/03\/labsii-toannoo-fi-bulchiinsa-kiraa-mana-jireenyaa\/","title":{"rendered":"Labsii To&#8217;annoo fi Bulchiinsa Kiraa Mana Jireenyaa"},"content":{"rendered":"\n<p>Manni Maree Bakka Bu&#8217;oota Uummataa Yaa&#8217;ii idilee Bitootessa 23 bara 2016 gaggeesseen labsii waa&#8217;ee kireessaa fi kireeffataa manaa murteessuuf dhiyaate raggaasiseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Labsichi gatii kiraa manaa akka malee dabalaa dhufe tasgabbeessuu akkasumas mirgaa fi dirqama kireessaa fi kireeffataa haala madaalawaa ta&#8217;een tumuu irratti kan fuulleffateedha jedhameera. Qabxiiwwan murteessoo labsicha keessatti hammataman hubannoof akka ta&#8217;u akka itti aanutti isiniif qindeessineerra. <\/p>\n\n\n\n<p><strong><mark style=\"background-color:rgba(0, 0, 0, 0)\" class=\"has-inline-color has-vivid-cyan-blue-color\">Daangaa Raawwatiinsaa<\/mark><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Labsichi Magaalota Finfinnee, Dirre Dhaww, Magaaloota itti waamamni isaanii naannoleef ta\u2019e fi magaalota biroo naannoleen haala qabatama isaanii irratti hundaa\u2019uun irratti raawwatamuu qaba jedhanii murteessan irratti raawwatiinsa kan qabaatu ta\u2019uu ibsameera (wixinee labichaa keewwata 3)&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p><strong><mark style=\"background-color:rgba(0, 0, 0, 0)\" class=\"has-inline-color has-vivid-cyan-blue-color\">Foormaatii Waliigaltee Kiraa Manaa<\/mark><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Waliigalteen kiraa manaa barreeffamaan raawwatamuu kan qabu ta\u2019ee qaama hojiirra oolmaa isaa akka to\u2019atuuf naannolee fi bulchiinsa magaalotaa (Finfinnee fi Dirre Dhawaa) hundeessan biratti galmaa\u2019uu qaba. Waliigalteen kun erga mallattaa\u2019ee kaasee guyyoota 30 keessatti dhiyaatee mirkanaa\u2019uu fi galmaa\u2019uu qaba.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p><strong><mark style=\"background-color:rgba(0, 0, 0, 0)\" class=\"has-inline-color has-vivid-cyan-blue-color\">Yeroo Turtii Waliigaltee Kiraa Manaa<\/mark><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Akkaataa labsicha keessatti ibsameen yeroon turtii waliigaltee kiraa mana jireenyaa yeroo waggaa lamaa gadi ta\u2019uu hin qabu. Osoo labsichi hin bahin dura waliigaltee kiraa hojiirra ture garuu yeroon turtii isaa kanuma waliigaltichaan irratti waliigalame ta\u2019a.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p><strong><mark style=\"background-color:rgba(0, 0, 0, 0)\" class=\"has-inline-color has-vivid-cyan-blue-color\">Hanga\/Gatii Kiraa Manaa<\/mark><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Hangi\/gatiin kiraa manaa kanuma waliigaltee kiraa irratti ibsame (kireessaa fi kireeffataan irratti waliif galan) ta\u2019ee akka fudhatamu; gaticha dabaluun kan danda\u2019amu haala qaamni hojiirra oolmaa labsichaa to\u2019atu murteessee uummataaf ifa taasisu irratti hundaa\u2019uun qofa akka ta\u2019us ibsameera.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p><strong><mark style=\"background-color:rgba(0, 0, 0, 0)\" class=\"has-inline-color has-vivid-cyan-blue-color\">Kanfaltii Duraa<\/mark><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Waliigalteen jiraa mana jireenyaa yeroo taasifamu kanfaltii duraa jedhamee kanfaltiin kireeffataan kireessaaf raawwachuu qabu gatii kiraa manichaa kan ji\u2019a lamaa caaluu hin qabu.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p><strong><mark style=\"background-color:rgba(0, 0, 0, 0)\" class=\"has-inline-color has-vivid-cyan-blue-color\">Addaan Cituu Waliigaltichaa<\/mark><\/strong>&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Waliigaltichi osoo barri isaa hin xumuramin waliigaltee gareewwan lamaaniin ykn kireeffataan mana kireeffate gadi lakkisuu yoo barbaade akeekkachiisa ji\u2019a lamaa kennuun ykn manichi gurgurtaan, dhaalaan, idaadhaan ykn haala biraa kamiinuu nama 3ffaatti kan darbe yoo ta\u2019e kireessan akeekkachiisa ji\u2019a 6 kennuun waliigalteen kiraa manaa addaan cituu ni danda\u2019a.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Kana malees kireeffataan gatii kiraa manaa yeroon yoo hin kanfalle (yeroo jalqabaaf guyyaa 15 yoo dabarse fi yeroo lammaffaaf guyyoota 7 yoo dabarse); manicha beekamtii kireessan ala tajaajila biroo kan akka daldaalaaf yoo oolche ykn hojii seeraan dhorkame kan keessatti raawwate yoo ta\u2019e; irra deddeebiin nagaa fi tasgabbii naannichaa jeeqa yoo ta\u2019ee fi itti yaadee ykn dagannoon mana kireeffate irra miidhaa kan geessise yoo ta\u2019e kireessan akeekkachiisa malee waliigaltee kiraa addaan kutuu akka danda\u2019u tumameera.&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Manni Maree Bakka Bu&#8217;oota Uummataa Labsii To&#8217;annoo fi Bulchiinsa Kiraa Mana Jireenyaa Raggaasise.<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":1784,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[32],"tags":[],"class_list":["post-1785","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-gonfaa-atoomaatiin"],"aioseo_notices":[],"magazineBlocksPostFeaturedMedia":{"thumbnail":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23-150x150.webp","medium":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23-300x169.webp","medium_large":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23-768x432.webp","large":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23.webp","post-slider-thumb-size":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23-330x190.webp","post-category-slider-size":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23-330x350.webp","1536x1536":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23.webp","2048x2048":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23.webp","blossom-coach-slider":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23.webp","blossom-coach-fullwidth":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23.webp","blossom-coach-with-sidebar":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23-810x500.webp","blossom-coach-latest":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23-540x400.webp"},"magazineBlocksPostAuthor":{"name":"admin","avatar":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/ecb5481e10cca9a7669c7ce29e372e90336cc49c5e85b5d55d62330169d65afe?s=96&d=mm&r=g"},"magazineBlocksPostCommentsNumber":"1","magazineBlocksPostExcerpt":"Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Labsii To'annoo fi Bulchiinsa Kiraa Mana Jireenyaa Raggaasise.","magazineBlocksPostCategories":["Gonfaa Atoomaatiin"],"magazineBlocksPostViewCount":5650,"magazineBlocksPostReadTime":2,"magazine_blocks_featured_image_url":{"full":["https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23.webp",900,506,false],"medium":["https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23-300x169.webp",300,169,true],"thumbnail":["https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/04\/download-23-150x150.webp",150,150,true]},"magazine_blocks_author":{"display_name":"admin","author_link":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/author\/admin\/"},"magazine_blocks_comment":5,"magazine_blocks_author_image":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/ecb5481e10cca9a7669c7ce29e372e90336cc49c5e85b5d55d62330169d65afe?s=96&d=mm&r=g","magazine_blocks_category":"<a href=\"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/category\/gonfaa-atoomaatiin\/\" rel=\"category tag\">Gonfaa Atoomaatiin<\/a>","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1785","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1785"}],"version-history":[{"count":5,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1785\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":1850,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1785\/revisions\/1850"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/1784"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1785"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1785"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1785"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}