{"id":1737,"date":"2024-01-07T07:05:44","date_gmt":"2024-01-07T07:05:44","guid":{"rendered":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/?p=1737"},"modified":"2024-01-09T12:52:50","modified_gmt":"2024-01-09T12:52:50","slug":"qabeenya-dhaalatti-makuu-collation","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/2024\/01\/07\/qabeenya-dhaalatti-makuu-collation\/","title":{"rendered":"Qabeenya Dhaalatti Makuu\/Collation"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-vivid-red-color has-text-color has-link-color wp-elements-6a1ee428c7525976686b0e710b5ae00f\"><em>\ud835\udde6\ud835\uddd8\ud835\uddd8\ud835\udde1\ud835\udde6\ud835\uddd4<\/em><\/p>\n\n\n\n<p>Namni tokko akkuma dhalatu du\u2019uun seera uumamaa akkaa ta\u2019e ni beekama. Sirni namni tokko erga du\u2019ee booda qabeenyi isaa ittiin dhaaltota isaatti darbu seera dhaalaa keessatti diriiree jira. Seerri dhaalaa biyya keenya seera hariiroo hawaasaa bara 1952 bahe kitaaba 2ffaa mata duree 5ffaa jalatti kan hammatamee dha. Seerichi akkaataa dhaaltummaan itti banamu, itti qulqullaa\u2019uu fi erga qulqullaa\u2019ee booda dhaaltota dhaaluuf mirga qabaniif itti qoqqoodamu of keessatti hammateera.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Dhaalchisaan gaafa lubbuun jiru du\u2019a isaa booda eenyu qabeenya isaa keessaa maal fudhachuu akka qabu dhaamoo taasisuu akkasumas kennaa adda addaa kennuu danda\u2019a. Dhimmi har\u2019a irratti hubannoo isiniif uumuu barbaade, dhaalatti makuun (collation) kennaalee kanaan kan wal qabatu yoo ta\u2019u akka itti aanutti kan dhiyaatu ta\u2019a.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-vivid-red-color has-text-color has-link-color wp-elements-3a4db4716ab30739f1333f07e0267d3d\"><em>\ud835\udde0\ud835\uddd4\ud835\uddd4\ud835\udddf\ud835\udde8\ud835\udde0\ud835\udde0\ud835\uddd4\ud835\uddd4<\/em><\/p>\n\n\n\n<p>Dhaalatti makuun ibsa gabaabaadhaan qabeenya dhaaltuun tokko kennaadhaan dhalchisaa irraa yeroo inni lubbuun jiru fudhate gara qabeenya dhaalatti deebisu jechuu dha. Qabeenyi dhaalaa yommuu qulqulla\u2019u qabeenyi jiru maal maal akka ta\u2019ee fi eenyu harkatti akka argamu kan adda bahuu yommuu ta\u2019u kana keessaa tokko qabeenya bifa kennaatiin dhaalchisaan dursee fudhatee dha. Sirni dhaaltuun qabeenya osoo dhaalchisaan lubbuun jiruu fudhate gara qabeenya dhaalatti ittiin deebi\u2019ee makamu qabeenya dhaalatti makuu jedhamee waamama. Akkaataa kanaan qabeenyichi dursee dhaaltuudhaan fudhatame qabeenya dhaalaatti erga makamee booda dhaaltuun kun qabeenya dhaalaa hunda dhaaltota biroo waliin akka qooddatu ni taasifama jechuu dha. (Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1065)<\/p>\n\n\n\n<p>Du\u2019aan yeroo lubbuun jiru kennaa gosa lama taasisuu akka danda\u2019u ni beekama. Isaanis kennaa osoo inni lubbuun jiruu raawwatiinsa qabaatuu fi kan erga inni du\u2019ee booda hojiirra ooluu dha. Kennaalee lamaan keessaa qabeenya dhaalaatti akka deebi\u2019u kan taasifamu kennaa isa jalqabaa akka ta\u2019e hubachuun barbaachisaa dha.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-vivid-red-color has-text-color has-link-color wp-elements-015408d7b9c6bb489769f6682b55ea02\"><em>\ud835\uddde\ud835\uddd4\ud835\uddd4\ud835\uddec\ud835\uddec\ud835\udde2\ud835\udde2 \ud835\udddc\ud835\udde6\ud835\uddd4\ud835\uddd4<\/em><\/p>\n\n\n\n<p>Kaayyoo guddaan dhaaltota gidduutti garaagarummaan gahee akka hin uumamnee fi hanga danda\u2019ametti qabeenya du\u2019aa qixa akka qooddatan dandeessisuu fi walitti dhufeenyi maatii gidduutti jiraachuu qabu gaarii ta\u2019ee akka itti fufu taasisuu dha. Dhaaltuun qabeenya biro bifa kennaatiin dursee fudhate qabeenya kana dhaalatti osoo hin makin qabeenya biroo deebi\u2019ee dhaaltota biroo waliin kan qooddatu yoo ta\u2019e hanga argachuu qaban irratti adda addummaan ni bal\u2019ata. Seerichi kun akka ta\u2019u waan hin barbaadneef sirni dhaalatti makuu akka diriiru taasisee jira.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-vivid-red-color has-text-color has-link-color wp-elements-2c88f755db757c96a2bc54c6ff2f6d1f\"><em>\ud835\udddb\ud835\uddd4\ud835\uddd4\ud835\udddf\ud835\uddd4 \ud835\udddc\ud835\udde7\ud835\udde7\ud835\udddc \ud835\udde5\ud835\uddd4\ud835\uddd4\ud835\uddea\ud835\uddea\ud835\uddd4\ud835\udde7\ud835\uddd4\ud835\udde0\ud835\udde8<\/em><\/p>\n\n\n\n<p>Tumaa Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1065 irraa akka hubatamutti dhaaltuun qabeenya dhaalaatti akka maku dirqamu qabeenyicha deebisee kan maku osoo hin taane tilmaama (gatii) qabeenyi sun baasuu danda\u2019uu dha. Kanaaf, haalli raawwatiinsa isaa qabeenyi dhaaltuun yeroo dhaalchisaan lubbuun ture sun erga shallagamee booda gatiin isaa qabeenya dhaalatti kan makamu ta\u2019a jechuu dha. &nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-vivid-red-color has-text-color has-link-color wp-elements-dceb4b3df8abf4fc5f6353015162a9ad\"><em>\ud835\udde1\ud835\uddd4\ud835\udde0\ud835\uddd4 \ud835\udde0\ud835\uddd4\ud835\uddde\ud835\udde8\ud835\udde8\ud835\uddd9 \ud835\udddb\ud835\udddc\ud835\udde1 \ud835\uddd7\ud835\udddc\ud835\udde5\ud835\udde4\ud835\uddd4\ud835\udde0\ud835\udde1\ud835\uddd8<\/em>\u00a0<\/p>\n\n\n\n<p>Seera hariiroo hawaasaa keewwata 1073 jalatti akka tumametti namni dhaaltuu ta\u2019e tokko dhaaltummaa du\u2019aa fudhachuuf hayyamamaa yoo hin taane qabeenya dursee kennaadhan fudhate qabeenya dhaalatti deebisuuf kan dirqamu miti.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Dhaddachi ijibbaataa MMWF galmee lakk. 191963 ta\u2019e (jildii 25ffaa) irratti dhimma Godina Arsii Aanaa Heexosaa irraa ka\u2019e ilaalchisee murtii dirqisiisaa kenneen iyyattootni qabeenya dhaalaa du\u2019aa qooddachuuf osoo hin gaafatin qabiyyee dursanii kennaadhaan argatan dhaalatti akka deebisan jechuun murtiin dhaddacha ijibbaataa MMWO tiin kenname dogoggora bu\u2019uura seeraa qaba jechuun diiguun murteessee jira.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>\u2022\u2022\u2022<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Qabeenya dhaalaatti makuun adeemsa qulqulleessa qabeenya dhaalaa booda raawwatamuudha.<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":1716,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[32],"tags":[],"class_list":["post-1737","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-gonfaa-atoomaatiin"],"aioseo_notices":[],"magazineBlocksPostFeaturedMedia":{"thumbnail":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y-150x150.jpg","medium":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y-300x208.jpg","medium_large":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y-768x533.jpg","large":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y-1024x711.jpg","post-slider-thumb-size":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y-330x190.jpg","post-category-slider-size":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y-330x350.jpg","1536x1536":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y.jpg","2048x2048":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y.jpg","blossom-coach-slider":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y-1280x700.jpg","blossom-coach-fullwidth":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y-1170x578.jpg","blossom-coach-with-sidebar":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y-810x500.jpg","blossom-coach-latest":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y-540x400.jpg"},"magazineBlocksPostAuthor":{"name":"admin","avatar":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/ecb5481e10cca9a7669c7ce29e372e90336cc49c5e85b5d55d62330169d65afe?s=96&d=mm&r=g"},"magazineBlocksPostCommentsNumber":"0","magazineBlocksPostExcerpt":"Qabeenya dhaalaatti makuun adeemsa qulqulleessa qabeenya dhaalaa booda raawwatamuudha.","magazineBlocksPostCategories":["Gonfaa Atoomaatiin"],"magazineBlocksPostViewCount":2194,"magazineBlocksPostReadTime":3,"magazine_blocks_featured_image_url":{"full":["https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y.jpg",1280,889,false],"medium":["https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y-300x208.jpg",300,208,true],"thumbnail":["https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2024\/01\/photo_5818904341132722032_y-150x150.jpg",150,150,true]},"magazine_blocks_author":{"display_name":"admin","author_link":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/author\/admin\/"},"magazine_blocks_comment":2,"magazine_blocks_author_image":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/ecb5481e10cca9a7669c7ce29e372e90336cc49c5e85b5d55d62330169d65afe?s=96&d=mm&r=g","magazine_blocks_category":"<a href=\"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/category\/gonfaa-atoomaatiin\/\" rel=\"category tag\">Gonfaa Atoomaatiin<\/a>","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1737","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1737"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1737\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":1738,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1737\/revisions\/1738"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/1716"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1737"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1737"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1737"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}