{"id":1418,"date":"2023-12-24T10:58:41","date_gmt":"2023-12-24T10:58:41","guid":{"rendered":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/?p=1418"},"modified":"2024-01-07T07:39:27","modified_gmt":"2024-01-07T07:39:27","slug":"labsii-bulchiinsaa-fi-itti-fayyadama-lafa-baadiyyaa-oromiyaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/2023\/12\/24\/labsii-bulchiinsaa-fi-itti-fayyadama-lafa-baadiyyaa-oromiyaa\/","title":{"rendered":"Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa Haaraa"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-vivid-red-color has-text-color has-link-color wp-elements-351a2404f67e527618cce0f8d8812c72\"><strong>Akka Seensaatti<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Labsiiwwan bara 2015 keessa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin labsaman keessaa tokko labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa naannichaa labsii lakk. 248\/2015 dha. Labsichi yaadamoota haaraa labsii duraanii (labsii lakk. 130\/1990) keessatti hin hammatamne qabatee dhufuun gamatti kanneen hojiirra oolmaa keessatti rakkoo guddaa uumaa turan hanga ta\u2019e tokko akka sirreeffaman taasiseera, akka hubannoo kiyyaatti<\/p>\n\n\n\n<p>Hundaa ol labsichi mirga lafa isaa irraa buquufamuu dhabuu qotee\/horsiisee bulaa Naannichaaf wabii ta\u2019uu kan danda\u2019an tumaalee heddu hammatee jira<\/p>\n\n\n\n<p>Dhimmi kun akkaan murteessaa fi qotee bulaan Oromoo lafa isaa irratti hojjatee akka ofii fi maatii isaa jijjiiruu fi darbees dinagdee naannichaa utubu carraa gaarii kan uumuudha jedheen amana, hunduu hubatee qixa sirrii ta\u2019een akka hojiirra oolu yoo taasise.<\/p>\n\n\n\n<p>Tumaalee labsichaa irratti barreeffamoota hubannoo uumuu dandeessisan jala jalaa isinii dhiyeessuuf kanan yaalu ta\u2019ee har\u2019aaf qabxiilee lamaan armaan gadii labsicha keessaa natti tolan haa kaasu.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-vivid-red-color has-text-color has-link-color wp-elements-557266983010fb61d825a8ba5f187e44\">\ud835\udc08. \ud835\udc0b\ud835\udc1a\ud835\udc1f\ud835\udc1a \ud835\udc01\ud835\udc1a\ud835\udc1a\ud835\udc1d\ud835\udc22\ud835\udc32\ud835\udc32\ud835\udc1a\ud835\udc1a \ud835\udc0a\ud835\udc1e\ud835\udc27\ud835\udc27\ud835\udc1a\ud835\udc1a\ud835\udc1d\ud835\udc21\ud835\udc1a\ud835\udc1a\ud835\udc27 \ud835\udc32\ud835\udc24\ud835\udc27 \ud835\udc03\ud835\udc21\ud835\udc1a\ud835\udc1a\ud835\udc26\ud835\udc28\ud835\udc28\ud835\udc1d\ud835\udc21\ud835\udc1a\ud835\udc1a\ud835\udc27 \ud835\udc03\ud835\udc1a\ud835\udc1b\ud835\udc1a\ud835\udc2b\ud835\udc2c\ud835\udc2e\ud835\udc2e \ud835\udc08\ud835\udc25\ud835\udc1a\ud835\udc1a\ud835\udc25\ud835\udc1c\ud835\udc21\ud835\udc22\ud835\udc2c\ud835\udc1e\ud835\udc1e<\/p>\n\n\n\n<p>Lafa baadiyyaa kennaan ykn dhaamoon dabarsuun wal qabatee rakkoon kana dura labsii lakk. 130\/1999 fi dambii lakk. 151\/2005 keessatti ture qixa sirrii ta\u2019een sirreeffamee jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaan wal qabatee rakkoon kana dura ture namni lafa baadiyyaa irratti mirga abbaa qabiyyummaa qabu mirga isaa kana kennaadhaan ykn dhaamoodhaan miseensa maatii isaaf dabarsuu akka danda\u2019u; gama biraatiin miseensa maatii jechuun ijoollee abbaa qabiyyichaa irraa dhalatanii fi namoota biroo dhaabbiidhaan maxxananii jiraatan akka dabalatu seeronni hojiirra turan ni agarsiisu; kana malees dhaaltota gidduus kan jireenyi isaa laficha irratti bu\u2019uureffatee fi kanneen jireenya of danda\u2019e qaban jedhamee garaagarummaan uumamee ture. Tumaaleen seerota duraanii kun hojiirra oolmaa irratti rakkoo guddaa uumanii kan turan akka ta\u2019e sirriitti beekama.<\/p>\n\n\n\n<p>Labsii haaraa keessatti kun hundi hafee kennaan ykn dhaamoon taasifamuu kan danda\u2019u namoota akkaataa Seera Hariiroo Hawaasummaatiin mirga dhaaluu qaban qofaaf akka ta\u2019e tumamee jira. Seera hariiroo keesaatti kanneen qabeenya du\u2019aa dhaaluu danda\u2019an dhalattoota gara gadiitti lakkaa\u2019aman (descendants) fi maatii gara oliitti lakkaa\u2019aman (ascendents) akka ta\u2019e beekamaa dha. Jecha biraatiin labsii haaraan osoo maatii gara gadiitti ykn gara oliitti lakkaa\u2019aman hin ta\u2019in, garuu immoo sababa adda addaatiin qotee bulaa waliin jiraatan mirga lafa isaa kennaadhan ykn dhaamoodhaan akka argatan hin goonfachiisu. Kun rakkoo labsii duraa keessatti rakkoo guddaa uumaa ture bu\u2019uurarraa fureera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-vivid-red-color has-text-color has-link-color wp-elements-061e132ae206d85ee3594a394bc83896\">\ud835\udc08\ud835\udc08. \ud835\udc0c\ud835\udc22\ud835\udc2b\ud835\udc20\ud835\udc1a \ud835\udc08\ud835\udc2d\ud835\udc2d\ud835\udc22 \ud835\udc05\ud835\udc1a\ud835\udc32\ud835\udc32\ud835\udc1a\ud835\udc1d\ud835\udc1a\ud835\udc26\ud835\udc1a \ud835\udc0b\ud835\udc1a\ud835\udc1f\ud835\udc1a \ud835\udc01\ud835\udc1a\ud835\udc1a\ud835\udc1d\ud835\udc22\ud835\udc32\ud835\udc32\ud835\udc1a\ud835\udc1a \ud835\udc00\ud835\udc1b\ud835\udc1b\ud835\udc1a\ud835\udc1a\ud835\udc27 \ud835\udc0c\ud835\udc1a\ud835\udc27\ud835\udc1a\ud835\udc1a \ud835\udc1f\ud835\udc22 \ud835\udc07\ud835\udc1a\ud835\udc1a\ud835\udc2d\ud835\udc22 \ud835\udc0c\ud835\udc1a\ud835\udc27\ud835\udc1a\ud835\udc1a \ud835\udc10\ud835\udc1a\ud835\udc1b\ud835\udc1a\ud835\udc1a\ud835\udc1c\ud835\udc21\ud835\udc2e\ud835\udc2e \ud835\udc10\ud835\udc1a\ud835\udc1b\ud835\udc1a\ud835\udc27 \ud835\udc08\ud835\udc25\ud835\udc1a\ud835\udc1a\ud835\udc25\ud835\udc1c\ud835\udc21\ud835\udc22\ud835\udc2c\ud835\udc1e\ud835\udc1e<\/p>\n\n\n\n<p>Abbaan manaa fi haati manaa lafa lafa baadiyyaa irratti mirga akkamii qabaatu? Lafti gaa\u2019ela dura dhuunfaan qaban kan akkuma qabeenya birootti ilaalama moo miti? Gaa\u2019elli dhirsaa fi niitii murtii Mana Murtiitiin yommuu diigamu qabiyyeen lafa baadiyyaa akkamitti qoodamuu qaba? qabxiileen jedhan seerota duraa keessatti ifatti waan hin teechifamneef hojiirra oolchuu keessatti rakkoo guddaa ture.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaan wal qabatees ejjannoowwan lama calaqqisaa turaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Ejjannoon inni tokko akkaataa imaammata lafaa biyyattiin hordoftuu fi tumaalee heera mootummaatiin mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa kan waloo mootummaa fi uummataa waan ta\u2019eef mirgi qotee bulaan laficha irraa qabu mirga itti fayyadamaati; haati manaa fi abbaan manaa lafa baadiyyaatti waliin fayyadamaa turuun mirkanaa\u2019e taanaan qabiyyee lafa baadiyyaas qooddachuu qabu; ilaalamuu kan qabu dheerinaa fi gabaabina yeroo waliin itti fayyadamaniiti; duriin isaa kan dhuunfaa isa tokko yoo ta\u2019es yeroo dheeraa sababawaa ta\u2019e waliin itti fayyadamnaan qixxeetti qooddachuu qabu kan jedhuu dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Ejjannoo 2ffaan laftis akkuma qabeenya abbaa manaa fi haadha manaa birootti ilaalamee bu\u2019uura Seera Maatiitiin qoodamuu qaba kan jedhuu dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Labsiin haaraa ejjaannoowwan lamaan kana haala keessummeessuu dandeessisuun waan bocame fakkaata.<\/p>\n\n\n\n<p>Haaluma kanaan akka qajeeltotti qabiyyeen abbaan manaa fi haati manaa gaa\u2019ela hundeeffachuun duratti dhuunfaan qaban ykn erga gaa\u2019ela hundeeffatanii booda kennaadhaan ykn dhaalaan dhuunfaatti argatan kanuma dhuunfaa isaanii ta\u2019ee akka itti fufu (waliigaltee taasiaaniin kan waloo isaanii taasifachuus akka danda\u2019an), qabiyyeen gaa\u2019ela keessatti mootummaa irraa dhuunfaan ykn waloon argatan kan waloo isaaniia akka ta\u2019u tumameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Haala addaatiin immoo abbaan manaa fi haati manaa qabiyyee gaa\u2019ela dura ykn gaa\u2019ela keessatti dhuunfaan argatan waggoota 10 fi isaa oliif waliin misoomsuunii fi haala itti fufiinsa qabuun kan itti fayyadaman yoo ta\u2019e, yeroo kana keessatti jiruu fi jireenya isaanii galii lafa kanarraa argamuun gaggeeffachaa kan turan yoo ta\u2019ee fi mirga dubartii fi daa\u2019immanii seeraarraa maddu kan hin sarbine ykn hin hambsine yoo ta\u2019e qabiyee waloo isaanii akka ta\u2019u tumamee jira.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Labsiin Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaahaaraan  (Labsii Lakk. 248\/2015) yaadamoota haaraa fi fooyyee qaban qabatee dhufee  jira.<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":1230,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[32],"tags":[],"class_list":["post-1418","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-gonfaa-atoomaatiin"],"aioseo_notices":[],"magazineBlocksPostFeaturedMedia":{"thumbnail":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-150x150.jpg","medium":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-300x200.jpg","medium_large":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-768x512.jpg","large":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-1024x683.jpg","post-slider-thumb-size":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-330x190.jpg","post-category-slider-size":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-330x350.jpg","1536x1536":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-1536x1024.jpg","2048x2048":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-2048x1365.jpg","blossom-coach-slider":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-1920x700.jpg","blossom-coach-fullwidth":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-1170x578.jpg","blossom-coach-with-sidebar":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-810x500.jpg","blossom-coach-latest":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-540x400.jpg"},"magazineBlocksPostAuthor":{"name":"admin","avatar":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/ecb5481e10cca9a7669c7ce29e372e90336cc49c5e85b5d55d62330169d65afe?s=96&d=mm&r=g"},"magazineBlocksPostCommentsNumber":"2","magazineBlocksPostExcerpt":"Labsiin Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaahaaraan  (Labsii Lakk. 248\/2015) yaadamoota haaraa fi fooyyee qaban qabatee dhufee  jira.","magazineBlocksPostCategories":["Gonfaa Atoomaatiin"],"magazineBlocksPostViewCount":9750,"magazineBlocksPostReadTime":4,"magazine_blocks_featured_image_url":{"full":["https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-scaled.jpg",2560,1707,false],"medium":["https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-300x200.jpg",300,200,true],"thumbnail":["https:\/\/www.gonfaatoma.com\/wp-content\/uploads\/2023\/12\/s2-150x150.jpg",150,150,true]},"magazine_blocks_author":{"display_name":"admin","author_link":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/author\/admin\/"},"magazine_blocks_comment":3,"magazine_blocks_author_image":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/ecb5481e10cca9a7669c7ce29e372e90336cc49c5e85b5d55d62330169d65afe?s=96&d=mm&r=g","magazine_blocks_category":"<a href=\"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/category\/gonfaa-atoomaatiin\/\" rel=\"category tag\">Gonfaa Atoomaatiin<\/a>","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1418","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1418"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1418\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":1740,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1418\/revisions\/1740"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/1230"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1418"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1418"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.gonfaatoma.com\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1418"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}